Free Web Hosting Provider - Web Hosting - E-commerce - High Speed Internet - Free Web Page
Search the Web

xalayaa   رسالة

                       


مـوقـــع رشـــاد

LAKKOOYSA QOODAA AS DEEMU KANA TUQI

1    2   3   4   5   6   7   8   9   10   11  12

      

رسالة الى ابناء اورومو الموجودين في امريكا وكندا واستراليا والسعودية وغيرها من البلدان
xalayaan tun ta oromooti kan biyya alaa jiru hunda 

Duuba warri dur gaallan  gaafa humna qabdu miite  gaalla humna dhabde argatanii  biyya gaalla'aa tan isaanitti aantutti duulanii, cabsanii gaallaa walii hin dirmanne arganii, ammas biyya gaala'a taanitti siqan  hanga biyya gaalla'aa hunda qabatanitti. hanga waan isaan biyya gaalla'aa  godhan hunda , akkaataa isaan itti cabsan hunda,  akka itti isaan gabroonfatan hunda, barreessanii  ilmaan isaanii  barsiisanitti.  hang  Waan isaan biyya gaalla'atti dalagan  hunda, taareiikhni addunya'aatifii, taariikhni warra gaalla'aafii biyya gaalla'aa gabroonfate barreessetti.  kan waa takka irraa hin dhiisin. maqaa isaanii kan gaafa san qabaniin barreessan, sun: (gaallaa) jechu'u.

Duuba ilmaan oromo'oo waan warri abbootii isaanii gabaroonfate barreesse, dubbisanii yookaa qara'anii, akkasuma waan taariikhni addunya'aa gaalla'aafii warra gaallaa gabroonfaterraa barreesse, yookaa katabe, biyy  alatti qara'anii yookaa dubbisanii,  hoggaa biyya isaanitti deebi'an kan akka taaddasaa birru'uu, ummata isaanii waan dhuysa'aan alatti baratn kan taariikha Gaalla'aa yookaa oromo'o'tti rarra'u, ummata isaanii barsiisan dhoysa'aan. maaliuf mangistiin akkasitti abbootin isi'ii gaallaa miite taariikha gaalla'aatifii aadaa isaanii baratanii barsiisuu dhiisii maquma gaalla'aatuu maqaa dhawuu hin  feetu hin eehamtu.

Haa tayuu  dargaggoon oromo'oo ta maqaa man gistii isaan gabroonfattuutin biyya alatti waa barateefii tan biyya keessatti taariikha Gaalla'aatiifii, taariikha warra isaan gabroonfatuu qorattee laaltu akkasuma ummanni bal'aan, kan akka Mangistuu nawaay, kan akka janaraal taaddasaa birru'uu , kan akka tuuroo abdulle'ee, ammallee warri biraa hedduun, Mangistii isaan bulchituun, ummanni gaalla'aa miidhama guddaa keessa jiraa, haqa biyyaa kan isaan haqa godhatan kenna'aaf, sanirraa afaan isaan akka baratanii barsiisa-nii ittiin dalagan  godha'aaf . afaan isaanii Radiyoona seensisaa ja'anii irra barbaannan mangistiin dhiira oromo'oo saniin akki jette: mee amma  eegu waan akkanaa kana barbaadaa. waan akkanaa barbaadun, ummata isyoobiyaa keesa jiru hunda, waan akkana barbaadu'utti kaasuu jea'amaa mitii? jennaanin wanni je'aniin ummata xiqqa'aa jecha, ummata  bal'aa miidhun wahi akkaa? hayn'i yookaa dhugaan ummanni bal'aan, ummata xiqqa'aa je'ee, haqa isaa hin dhabu. ummanni xiqaanis ummata bal'aa keessatti, haqa isa fakkaatu hin dhabu. maalif  ummnni bal'aan yoo haqa isaa argatee, qalbii takkaan hin dalagin, bitti hin hortu .duuba gaafas ummnni biyya, xiqqaadhaa guddaan, ni rakkata.maalif hormaanni dalaga'atti haajama dalagaan beekkomsatti haajamti. duuba ummanni bal'aan, yoo warra  biyyaa bakka afuritti qoonne  harka sadii gayu,  yoo afaan isaanitiin, baratu'urraa hoongayee, wallaalatti hafe maal dalaga? ummanni xixiqqaan ummata bal'aa waan beeyne keessatti, odoo hangamuu waa baree, yoo isti'maara  gabbisuu taate malee, biyyaafii ummata bal'aadhaa bu'aa hin fidu, mee  ummata xiqqaa  kibba afrika'aa keessa jiraatuu ture, adaadii laali, ummata bal'aa waan beyne , kan haqa isaa dhabeef, maal tare? maal fayyade? maal bu'aan isaan biyya sanii fidan? ammoo eega  ummanni bal'aan, biyya sanii, haqa argatee, haqa isaanitiifii, haqa nama birallee baratee, ummanni bal'aadhafii, ummanni xiqqaan, biyya sanilleen qoofe.  Roodiisiyaanis akkasuma.

Ammallee mangistiin ummata xixiqqaa ummata bal'aa dura dhaabdu, tan dantaa ummata bal'aadhaa, qooqa gosa xixiqqo'ootin, balleessitu yookkaa kuffiftu ,isiin haala isti'maararratti deemti. maalif mangistii haqaa biratti hayn'i ummta bal'aadhaa, durfamuu qaba. akkuma hayn'i ummata xixiqqa'aa taiyfamuu qabu. ummanni keenya  eega isti'maarri dur irraa ka'ee, haqa isaaanii hedduu deeffatan. ammoo hangi hafe karaa jira (hayn'i abbaan barbaadu duuba  jiru hin badu) jecha'aatu jiraa.

Wannin tanaan dura isiniin je'e: ummanni keenya birkii taariikha isaanii jabduu keessatti, maqaa Gaallaa'aatin nama miidhee isaanii gaalla'aan yaamamu miidhame. mee fakeessa'aaf jalqaba jaaraa islaamaa kan saddeetii 8 keessatti qabsoo isaaniii akkasuma taariikhni isaanii, kan mqaa Gaalla'aatin barreeffame, sababaa warra maqaa isaanii kana diduun awwaalametti yookaa irraanfatmetti hanga gariin warra beekkomsa himatuu naannoo Hararitti ummanni oromo'oo takkaa hin argamne  je'utti. inni nama oromoon gaalla'aa miti, gaallan oromo'oo miti je'u. namni  kun dubbiin isaatifii innilleen waan laalan hin qabu. inni takkaa galtu'uu takkaa diina takkaa wallaalaa  takkaa dantaa wahiiti diddaa san keessaa qabaa.

Ammoo gaallan gama dhiyaatifii bitaadhatiin, warri gaafa duraa gaallan zamana dhiiraa gaarafii, godatti galchite hiree argatanii, meeshaa lolaa faranji-'irraa argannaan,kan akka qawwe'ee madaafaa faa ummata gaalla'aa, warra farado'uun lolutti, duulanii  biyya gaalla'aa hunda qabatanii miidhaa, jabduu biyyaafii ummatallee miidhan.diin keenyafii  aadaa teenyafii afaan keenya, qabadhaa. diinifii aadaa teessan dhiisaa je'een. tokkummaa  ityoopiya'aa eegu'uu jecha akka diin tokko malee diin biraa ityoobbiyaa keessatti hin dhaabbanne je'aniin.

Ammas warri Gaalla'atti roorrise wanni dalage, Maqaa gaallaa je'u tuffatuu ilmaan gaalla'aa jibiisii su`uu jecha .duuba warri oromoo gabroonfate maalif kana dalage? si maqaan kun  gaafa gaallan waan gaafa afrika'aa taye hunda bulchitu, jibbamemoo  gaafa isaan gabroonfaman jibbame. yoo maqaan Gaallaa je'amu  Gabra jechuu kan je'an taate, gaafa gaallan isaan  gabroonfattu  ma'naan  Gaallaadhaa  mal taya? gooftaa taya  jechuu.

Waa takka haa beynuu, maqaan ummata tokkoo, ummanni sun, diin tokko dura dhaabbate'eef jecha hin jibbamu. hin dhiifamu. mee, arabni, islaama dura  dhaabbate'eef Maqaan isaanii wahi jibbamee. yookaa  dhiifamee. akkasuma gaallan yookaa oromoon, diin  islaamaa dura, yookaa diin kiristaanaa dura, dhaabbatani'iif,   maqaan isaanii hin  jibbamu hin darbamu.

Duuba wanni arabni aadaa gaalla'aa jaalatu'uun wajji, maqaa isaanii jibbeef, akka tokkummaan gaalla'aa hin deebineefi . maqaan  haada , ummata walitti hidhuu. wanni arabni, aadaa gaalla'aa jaalatuu  beynen, gaafa arabni  jabhaa  gaalla'aa ta carcar jabse, jahaan gaalla'aa ta asaaboot, tan mootii isaanii Fantaalle eeydu, jabhaan tun, Mootii arabaa kan (sabruddiin) je'amutti, gumaata ergite. gumaanni isaan erganiif, waan moototaan kabajan heddu'uufii, dubara babba-reedaa dhibbaafii kudhan. duuba mootichi arabaa waan biraa beekhee , dubra dhibbaafii kudhan , maalif  nuu ergitan? jennaanin wanni isinii ergineef , akka khudhan ati fuutee , dhibba,ashakara keetii heerumsiiftu , akka suddaa walii taanu  je'aniin. jennaan mootichi arabaa wanni je'een: nuti jihaadatti jirraa waa lamarraa tokko maraxadhaa filadhaa , takkaa islaamayuu . takkaa lola. akkasitti ergaan jabhaa oromoo asaboot , asabootitti eebitee , waan mootichi je'e, hayyoota asbootitti himte. ammas ergaa biraa  tan kum afur geessu, muutichatti erganii wanni je'aniin: nuti harka khenninee  nama waa nu barsiisufii, nama nu bulcu, nuu  ergi,  je'aniin.

Akkasitti nama waa isaan barsiisu, nama diin isaan qabsiisu ergeefii, nama isin bulchu, isintu wal beekaa if keessaa filadhaa.nama afurtama barlamaanaf filadhaa, ammas nama afuur gola gubba'aatif filadhaa, aadaa teessaniin wal bulchaa. sharxii islaama hin khallafneen. yookaa islaaman wal hin dhabneen akkanatti arabni aadaa oromo'oo jaalatee, aadaa isaanitti dalagatuu isaanii, sharxii heera  islaamatiin wal hin dhabneen.

Achirraa heerri oromo'oo muuxatuu jalqabe. achirraa heerri asabootitti  jalqabame kun, biyya oromiya'aa hunda keessa faca'e, sababaa kanaaf oromiyaa hunda keessaa Asabootitt erganii heera haaraya barbaadanii, waan hayyoonni asaboot je'u dhagayan. sababaa hayyoonni Asaboot qondaalonni oromo'oo  beekkosa isaanii guutuu sanirraatti  beekkomsa islaamaa guutuu ida'ataniif jecha.

Ammoo warri gaalla gabroonfate wanni  maqaa gaalla'aa jibbuuf isaatu jibbuu haqa godhata'aafii miti. akka inni  maqaa buruja qabu, kan namni isa dhagaye akka inni maqaa ummata jaba'aa taye beekhu , ni beekhanii , haa tayuu wanni maqaan gaalla'aa  hafuu jibbaniif, dantaa isaanitiitu san keessa isaanii jira'aafi. ammoo maqaan kun hafuun balaa isaanitti kaasa. maalif yaanni isaanii tokkummaa gaalla'aatifii  tokkummaa warra isaa gabroonfatuu argamsiisuu  sun gaallan waan ist'maarri isaan godhe irraanfatuudhan argama. gaallan san irraanfatuun isaanii hin mijjaayu, yoo maqaan gaalla'aa saba oromo'oo keessa jiraate. tanaaf jecha warri isaan gabroonfate sun, maqaa gaalla'aa kana, dhoowwama haa goonuu je'anii wal mariyatan. ammas wanni waliin ja'an Orom'o'oofii Gaallan maqaa ummata tokkoo tayuu haa dinnuu, akka ummanni nuti itti roorrifne sun gaallaadha malee Orom'o'oo miti jechaa, nama fudhachiifna karaa  hundaan.

Tanaaf jecha warri gaallaa gabroonfate, wakka maqaan gaalla'aa dhoowwama tayu, awaajii dhawan. warri an gaallaa ifiin je'u takaa namaa ati gaallaa je'u qixaan'i isaa  akkana akkana je`anii awaajan.

Duuba warri alaga'aa, ammallee warri waan beyne  kan ormo'oo, ammllee warri san keessaa dantaa qabu,  awaajii isti'maaraa tanaaf dibii dhawamnii, harka dhawanii afaan bananiifii, yaada isti'maaraa kana , facaasan. dabballee tayaniifii.

Yoo oromoonni, ilmaan gaalla'aa, kan amma   oromumma'aan beekkaman, warra isaan gabroonfatuun, isin abbootii  teenya warra walluu,  warra wallaggaa warra jimmaa, warra arsi'ii , warra baalee, warra harar, warra gaalla sidaamo'oo, miidhaa jabduu miitan  je'eeti, taariikhni isin barreessitaniifii, taariikhni addunyaan barreessite hundi dubbataa dubbiin sun jirtii je'anii nu gaafatan nuti warri isaan gabroonfate wanni jennuun, akkasuma isin wrri awaajii teenya dhageessan dabballoonni keenya, wanni jettaniin warri biyya isin maqaa dhooytanii sun, kan nuti fi'e abootii teessanii miti. isaan gaallaadhaa. isin  Oromoo. nuti oromoo hin gabroonfanne.namni nuti gabroonfanne, Ummata badaa  tokko kan gaallaa je'amuu isin oromoodhaa maaltu walitti isin hidhe. amma eegu waan akkanaa kana hin gaafatinaa.wanni maqaa Gaalla'aatin barreeffame taariikha tayuu, aadaa tayuu maymaaka tayuu geyrara tayuu, mirriysuu tayuu, weedduu tayuu, heellee tayuu wanni biraa hundi waan oromo'ootii miti jennaan. akkana je'eeti isti'maarri Gaalla'aafii oromoo adda muruu fedha. faana. balleessaa isaanii dhoyfa-tu'uu jecha. haa tayuu namni ilmaan oromo'orraa isaan dhugo'oosu hin jiru. maalif wanni oromoonni beekhee yaadu , gallaan abbootii teenyaa  mitii yaadun,Taariikha Oromo'oo, kan maqaa gaalla'aatin barrffamee argame hunda didu. ammallee dachiin maqaa gaalla'atti hidhamte takkaa gaallaa walloo gaallaa shawa'aa faan, dachii oromo'ootii  mitii yaadu. oromoonni  ar'a alaa dhufanii yaaduu. duuba eenyu mee namni waan kana eehamu? oromoon wanni yaaddu : (gaallan, ilmi ormaa, oromoon , ormi , aaraam  iram, wadaay) hundi, maqaa isaaniti. wanni maqaa isaanitiin dhufe hundi , kan isaaniti, taariikha tayuu, waan biraa tayuu . hiikkan alagaan maqootii teenyaf keessu, takkaa hiiytu oromoo biratti, hin fudhtamu. maqaan ummataa akkuma dhagayametti qeebalama yookaa fudhatam. maqaan ummataa heddommaatun, fafaa miti. yaroo takka maqaan tokko, maqootii ummataa keessaa mul'atuun, taariikhni isaan bareeffamuun, waanuma jiru. warri misraa kan amma araba misraa je'amu, dur qibxii, ammallee faraa'ni naa je'amuu turan.ona yookaa araddaa maqaa faraa'ina'aatin dachii jalatti awwaalamte, qotanii , baasaniiti dhaaddataniin.

Obboleeyyan keenya taariikha biyya teenyatiifii taariikha ummata keenya jabeessun nurratti jira. an waanan quba qabu, garii taariikhaa, kan ummata keenyafii, dachii teenya keessatti argame waan dhuga'aa isin yaadachiise.

Waa takka namuu haa beekhuu:

Taariiikhuma jechuun bar waan dabre  himuu

                            hamaadhafii gaarii waanuma  argamuu

Ammas wanni beekhun nurra jiru: diinni, yookaa nyaabni ummataa, taariikha ummatarraa waan hamtuu malee, waan gaarii hin himu, ummata qalbii caphsu'uu jecha. akka ummanni sababaa waan isaan  kijibaan odeessaniif jecha, if jibbee, maqaa ifii jibbee akka waan takkaa biyya sanitti hin argaminii if seye, hanga ummnni keenya maqaa tokko, kan yoo yaamamaniin ummanni hundi maqaa keenya je'ee, owwaatu dhabe, takkatti. yoo maqaa gosaa takkaa, maqaa dalaga'aa taate malee, gaafas maqaan bakka hundatti dhagayamu, kan kitaabban  taariikhaa keessatti bareeffame, kan dachiin isaani isatti qindeeffamte, maqaa gaalla'aati. sanumaan wajjin  yoo ati gaallaa  jetteen  an gaalla'aa miti. inumaa si dhawu'uuf sitti utaala, haatayuu Rabbiin naa laaffisee, radiyoonarra maqaa tokko qabatu'utti yaame yaamnan afaan qottu'uu  malee  maqaa biraa hin qeeballu hin eehamnu, je`e warri baya harar akkasittan faraqaa afaan qottu'uu jecha'aan raadiyoona Maqdisho'orraa dabarsuu ture duuba odo'on akkasitti oofuu janaraal taaddasa gabreen qundaal waraanaa kan mootummaa haylasillaase'ee, jumhuuriyyaa soomaali-e'ee daaw'ii dhufee, jaallee ziyaad barree dubbisee akki je'een afaan kun afaan Gaalla'aati je'ama malee afaan qottu'uutii , miti. achirraa jaallee ziyaad xalayaa natti ergee, barnaamija qottu'uu barnaama Gaalla'aatti jirjiiraa nuun je'e, akkasitti barnaamja afaan gaalla'aa jennee, raadiyoona maqdasho'orraa dabarsuu turre.

Gaafas wannin ummata keenyan je'uu ture :

taariikha  oromo' oo hunoo  sinii  himee

irrumaan  tuttuqee  yoomin  hundaa  himee

bar  taariikhni  saanii  waan  nama  jabeessuu

bakka hundaa namuu walii haa odeessuu

kan  beyne  gaafatee    kan   beeku    barsiisee

bakka hundaa namuu waluma-tti kaasee

biyya   hundaa  namuu   waan  f edhhu   argatee

xiqqa'aa gudda'aan  baraa-kkaan jabaatee

wanni      jabaataniin       harka      tokko      tayu

bakka  hundaa  namuu  mariin  takka   tayuu

ilmaan   oromoodhaa    wanni   saan    eeggatuu

bakkuma     marattuu     harka    wal     qabatu

abbaan    saanii    tokkoo    afaan   saanii    ajjii

ammas     hundi    saanii    waliin   qaban    hujii

taariikhni     oromo 'oo    tokko     tayuu     garree

ee  maa  bakka  hundaa  isaan  walin  barree

maqaan    saanii  tokko  dachiin  saanii  takaa

mee  namni  akkanaa  rakoo-kkamiin   arkaa

yaa   ilmaan    oromoo    dubii    too    dhagayaa

maqaafii     afaanin      harka      tokko     tayaa

namni      afaan    keetii     inni    shannyii    teetii

qoqqoteen   gaafatin    maali      goost     teeti

dhiisaa  maqaa   gosaa   ka  dhiyoo    argamee

isa dur  qabdhaa    kan   akkaan     baramee

bar    maqaan     durattii     isaa-wwali – qqabaa

gosa  sabaa  hundaa    taariikhs   ni     qabaa

yoo  isin  wal  taatan   xiqqa'aafii    gudda' aanii

dhiirafii     dhalaadhan     walis       jaalattanii

baraa   nam    tokkolleen     isin    duran   bayuu

dhiirummaa teessanis namuu haa dhagayuu

qananiin         teessanii        isunuu        beytanii

biyya   teessan    jaaraa    bakkuma   jirtanii

waa  takka haa beekhuu bakka hundaa namuu

kan oromoo   miidhuu  numa  miidha namuu

nam tokkolleen isaan miidhuu waan dandayuu

oromoon   feenee   biyyarraa   haa   bayuu

kan  oromoo  mormoo  takkaayuu  diinumaa

takkaayuu   galtu'uun   sudaatinanaa   homaa

oromoon guddinaa nama hundee qabuu

nama  heddumminaaf   dachii gudoo   qabuu

kan   isin   guddisee      gooytuma  keessanii

takkaan galchaa mee Waaqa  keessanii

kan      isin       kabajuu       galata      argataa

namni     isin       tuquu       boru-tti     rakkataa

yaa   Rabbi    jabeessii   gaallaa     islaamattii

walis        jaalachiisii       bakkuma       hundatti

dilii    teenya   hundaa   mee nuu    araaramii

Muhammadii je'ee mootiilma aadamii  guddinas da'ii nagayalee buusii

nabiyyiidharrattii       jaalallee-tti  aansii

waanuman   dubbadhes nama jaalachiisii

adhafii      gaarii    addumaan      beysisii

<< deebi'i

abdul_rashad2000@yahoo.com
Copyright© 2000 - rashaad